BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
Himannaa Raayyaan Jen. Migbayirratti dhiheessef, Biiroon Nageenyaa Tigraay deebii kenne
Himannaa Raayyaa Ittisaaf deebii kan kennan hidhattooti Faannoos ta'e Biiroon Tigraay gartuu TPLF Dr Dabratsiyoonitti caalsifate, waakkataniiru.
Waraqaa eenyummaa Faayidaa dirqama ta'aa dhufeerratti qabxiilee ijoo baruu qabnu
Waraqaan eenyummaa gandaa kan jiraataan ganda tokkooti. Faayidaan immoo waraqaa eenyummaa Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti fudhatamu danda'amudha.
KALLATTIIN, Tarkiin mormitootaaf 'akeekkachiisa' kennuun guyyoota shaniitti namoonni 1,133 to'annoo jala oolchite
Erga morkataa cimaan Pirezidantii Turkii Xayyib Rasiip Erdogaan hidhamee booda, mormii cimaa biyyattii keessatti ka'een wal qabatee namoonni 1,133 ol to'annoo jala oolfamaniiru.
Injifannoo Gudaaf booda Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa 3ffaan xumurte
Itoophiyaan Shaampiyoonaan Atileetiksii Mana Keessaa Addunyaa 20ffaa Naanjing, Chaayinaatti qophaa'e medaaliyaa shan mo'achuun xumurte.
Taateewwan ijoo shan waraana Sudaan dhiheenya keessatti mudatan
Waraana magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum to'achuuf taasifame ilaalchisee suuraaleefi viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa xiinxaleera BBCn.
Faayi birrii mil. 90 ol baasu akkamiin garaa namicha hatee liqimse keessaa baafame?
"Waan garaa koo keessa jiruuf himatamuuf jedhaa?" jedhee namoota gaafataa ture jedhan namichi faaya liqimsee ture kuni.
Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasiin hoogganamu
Erga waraanni Gaazaatti eegalee namoonni 50,000 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu beeksise.
Namichi sammuu isaa keessa chippii sammuu dubbisu galfate maal hima?
Sammuu keessan keessatti chippii yaada keessan gara ajaja kompiitaraatti hiikuu danda'u qabaachuun asoosama saayinsii fakkaachuu danda'a, garuu Nolaand Arbaagiif dhugaadha.
Israa'el haleellaa qilleensaa Gaazaan qondaala olaanaa Hamaas ajjeefte
Qondaalli Hamaas Dilbata ganama BBC'tti akka himanitti, hogganaan olaanaa siyaasaa Hamaas ajjeefaman Saalaah al-Bardawiil jedhamu.
Erga rokkeetiin itti dhukaafame booda Israa'el Libaanos haleelte
Sadaasa keessa dhukaasa dhaabuun hojiirra erga oolee booda yeroo jalqabaaf rookkeettonni hedduun Libaanos irraa gara Israa'elitti dhukaafaman.
Viidiyoon YouTube akkaataa waa'ee keenya itti yaadnu akkamiin jijjiire?
Garuu waggaa 20ffaa hundeeffama isaa keessatti qabiyyeen waltajjichaa akkaataa itti yaadnu, miira keenya ibsinuufi itti wal qunnamnu jijjiireera.
Tiraamp maaliif hanga ammaa waraana Yukireen dhaabsisuu dadhabe?
Tiraamp erga aangootti deebi'ee amma ji'a lamaa ol jira. Walitti bu'iinsa hadhaa'aa fi walxaxaa ta'e kana salphaatti akka furuu hin dandeenye amma galeef fakkata.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
'Ulaa Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu' - MM Abiy
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Galaana Diimaaf jecha Ertiraa waliin lolatti akka hin seenne yaa'ii paarlaamaa biyyattiirratti dubbataniiru.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
'Ertiraan rakkoo Tigraay keessaatti dhalate keessaa gahe hin qabdu'- Osmaan Saaleh
Ertiraan waldhabdee keessoo Bulchiinsa Yeroo Ce'umsaaTigraay fi TPLF gidduu deemaa jiru keessaa gahee tokkollee akka hin qabneefi himannaa kanaan wal qabatee haala kamiiniyyu iratti dhiyaatu ifatti akka mormuu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ibse.
Gaaffiin mootummaa ce'umsa waloo ABO fi KFO dhiheessan eessa gahe?
Dhaabni lamaanuu yaada kana galmaan gahuuf sochiitti jiru jedhan qondaalli dhaaba KFO BBC'n dubbise.
'Eenyuyyuu gateettii itti waraana biraa baatu hin qabu'- Ummata Tigraay
Amma waraana ture kanarraa hin dandamatiin kan jiran jiraattonni magaalaa guddoo naannichaa Maqalee, irra deebiin gara waraanaatti seenamaa laata jechuun yaaddoo qabu.
Viidiyoo, Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti seenuu maluu?, Turtii 2,24
Dhiheenya keessa erga hariiroo cimaan Asmaraafi Finfinnee gidduu ture laafaa dhufee, walitti dhufeenyi Maqaleefi Asmaraa gidduutti uumamuunsaa dubbatamaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa garee TPLF tokko humnoota alaa waliin hidhata qaba jechuun himate
Waliigalteen Piritooriyaa guutummaan guutuutti hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojechaa jiraachuu kan hime mootummaan Federaalaa Itoophiyaa, waan Tigraay keessatti gidduu kana ta'aa jiru hordofaa jiraachuu ibse.
Artist Andu'aalam Gosaa du'a Qananiin shakkamee mana murtiitti dhihaate
Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtii dhihaate. Gaaffii wabii dhihaate manni murtii hin fudhanne.
'Yeroo kamittiyyuu Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti waraanni banamuu danda'a'
Waraanni haaraan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti kaanaan kaartaan biyyoota lameenii naannoo Gaanfa Afrikaa ni jijjiirama jedhan Letinaant Jeneraal Tsaadqaan Gabritinsaa'ee.
Abbaan Qananii waa'ee intala isaanii ijoollummaan duute maal jedhan?
Abbaan shamarree jalqaba torban kana magaalaa Finfinneetti duute, Qananii, intalakoof haqni akka argamuun barbaada jechuun dubbatan.
Wal gaarreffannaan Itoophiyaafi Ertiraa walitti bu'iinsatti ce'uu malaa?
Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa waggoota muraasa darban laafaa dhufe, booda kanarra ammoo waliin ooduurra ifatti gara wal himachuutti ce'eera. Maaltu itti aanuuf jira laata? Xinxaltoota haasofsiifneeraa, dhiyaadhaa.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Walitti bu'iinsa
Ispoortii
Mohammad Saalaah torban tokko keessatti hiree Ballon d'or injifachuu guddoo dhabe, Eenyufaatu dursa?
Taphataan collee lammii Masriifi kilaba Liiverpuul Mohammaad Saalaah bara kana gahumsa addaa Piriimiyeer Liigiifi dorgommii Awurooppaarratti garsiisaa tureef, warra badhaasa Ballon d'or injifachuuf hiree guddaa qaban keessaa tokko ture.
Arsenaal vs Riyaal Maadrid: Warri dhiirotaa osoo wal eeggatanii dubartoonni Arsenaal mo'aman
Dorgommii Chaampiyoonsi kan dubartootaan Arsenaal gara Riyaal Maadriid imalee falmii gaggeesseen hin milkoofne. Arsenaal dhiirotaanis Maadriid waliin wal eeggataa jiru.
Gulaallii waancaa Addunyaa: Dhiibbaa jala kan jirtu Itoophiyaa, ga'umsa Sudaan, ramaddii walxaxaa
Afrikaa keessaa biyyoota Waancaa Addunyaarratti hirmaatan adda baasuuf taphi gulaallii torbee kana ni taphatama.
Balaa suukanneessaarraa hafee carraa lubbuun jiraachuu kan argate taphataan West Haam kubbaatti deebi'aa?
Muddee darbe balaan konkolaataa kan isa mudate taphataan West Haam Mikaayil Antooniyoo dhaabbiisaa guutuutti deebi'uuf baayyee qoramus, ammallee dirreetti deebi'ee ga'umsa olaanaadhaan akka kubbaa taphatu abdata.
'Niwukasil irra abaarsi ture kan jedhu an hin fudhu' - Edii Haaw
Niwukaasil waggaa 56 booda waancaa Karabaawoo injifateera. Edii Haaw kilabicharra abaarsi ture kan jedhu akka hin fudhanne ibse.
Kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand carraa dorgommiiwwan Awurooppaa qaban eenyu fa'i?
Nootiingihaam Foorast kilaba liigicha keessaa bu'uuf qarqara irra jirtu -goolii 4-2n mo'achuun carraa hirmaannaa dorgommiiwwan Awurooppaa keessatti qabaatu bal'ifateera.
Maanchister Yuunaayitid bara kana waancaa injifataa?
Maanchister Yuunaayitid dorgommii Awurooppaa Liigiin kilaba Ispeen Riyaal Soosedaad 4-1'n injifachuun gara nuusa xumuraatti darbe.
Waan Riyaal Maadirid mudate waaqatu beeka - Deegoo Simoonee
Riyaal Maadirid rukuttaa peenaaliitiidhaan Atileetikoo Maadirid mo'achuun nuusa xumuraaf darbe
Liiverpuul maaltu mudate, diraamaan Aanfiild akkamiin xumurame?
Liiverpuul galchii waliigalaa 1-1 PSG waliin xumuruun rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'amee dorgommii Shaamoiyoonsi Liigii keessaa bahe.
'Taphattoonni Man Yunaayitid gariin kaffaltii ga'umsa isaanii ol ta'e argataa jiru'
Kilaba kubbaa miillaa guddicha Ingilaand, Maanchistar Yunaayitid, keessaa ga'ee kan qaban Sir Jim Raatkilif, taphattoonni kilabichaa gariin ''ga'umsa gaariirra hin jiran,'', kaan ammoo ''kaffaltii ga'umsaanii ol ta'e argataa jiru,'' jedhan.
PSG'n Liiverpuulitti dhaadateera, Dembeelee moo Saalaatu injifannoon gala?
Liiverpuul PSG injifachuuf gahumsa bara kana takkaa agarsiisee hin beekne agarsiisuu qaba jedhan leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot.
Arteettaan ammayyuu waancaa Piriimer Liigii baranaa mo'achuu irraa abdii hin kutannee?
Arsenaal Maanchister Yuunaayitid waliin qixa xumuruu isaan abdii waancaa Piriimer Liigiif qabu jalaa happataa dhufe. Arteettaan tapha kana mo'achuu dadhabuun keenya nu mufachiiseera jedhe.














































































